Fana: At a Speed of Life!

Hanqinni boba’aa mudate, sochii gufachiisaa jira

Finfinnee, Muddee 13, 2012 (FBC) – Hanqinni boba’aa magaalaa Finfinnee fi magaalota naannootti mudate sochii gufachiisaa jira.

Faanaa Broodkaastiing Koorporeet buufataalee raabsaa boba’aatti argamuun hanqinni mudachuu ilaalera.

Itti gaafatamtoonni buufataalee boba’aa Sangaa Taraa, Lagahaar, Meeksiikoo fi Xiquur Anbassaa rakkoo hanqinni ittiin mudachuu danda’e quba hin qabnu jedhu.

Ogeessi koominikeeshinii Dhaabbata Dhiyeessii Boba’aa obbo Alamaayyahu Tsaggaayen, boba’aan karaa Jibuutii fi Sudaanin galu hanqina akka hin qabaatin, akkuma kanaan duraa guyyaatti konkolaattonni 300 ol boba’aa fe’aa jiraachuu eeru.

Dhaabbanni isaanii konkolaattonni kanneen sirnaan fe’uu isaanii malee, qaqqabuu isaanii hordofuu fi to’achuuf mirga hin qabu jedhu obbo Alamaayyahu.

Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii akkasumas, Ministeerri Albuuda, Boba’aa fi Gaazii Uumamaa raabsaa boba’aa to’achuuf itti gaafatama akka hin qabaatin ibsu.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa qaama dhiyeessii fi raabsaa boba’aa to’atu hundeessuuf labsii raggaasisus, amma ammaatti dhaabbatichi hin hundoofne jedha Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii.

Ristee Tsaggaayetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.