Fana: At a Speed of Life!

Harargee Lixaatti Qamadiin Jallisiin misoome walitti qabamuu eegale

Finfinnee, Amajjii 26, 2015 (FBC) – Godina Harargee Lixaa, Aanaa Daaroo Laabuutti Qamadiin Jallisiin misoome Kombaayinaraan walitti qabamaa jiraachuu waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise.

Aanichatti Qamadiin jallisii Boneen laga Dhungataatti misooma ture, bakka Hoggantoonni godinichaa argamanitti walitti qabamuu eegaleera.

Muuxannoon Oomisha Qamadii jallisii bonee eegalame wabii nyaataa biyyaa kan mirkaneessu ta’uu Bulchituun Godina Harargee Lixaa Aadde Ikraam Xahaan ibsaniiru.

Bara kana aanaalee hundatti Qamadii misoomaa jiru keessaa, kan omishaaf gahe kombaayinaraan walitti qabamaa jiraachuu Itti aanaan Waajjira Qonnaa godinichaa Obbo Aliyyii Daadhiin himaniiru.

Akka godinichatti lafa hektaara kuma 21fi 500 irratti Qamadii misoomsuuf karoorfamee hojjatamaa jiru keessaa, Laga Dhungataarratti lafti hektaarri kumni 3 fi 500 milkaa’uu eeruu ragaan Wajjira Kominikeeshinii Godina Harargee Lixaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.