Fana: At a Speed of Life!

Harariitti piroojektoonni misoomaa Birrii miiliyoona 82 ijaaraman eebbisiifaman

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015(FBC)- Naannoo Harariitti piroojektoonni mana barumsaafi daandii Birrii miiliyoona 82 ijaaraman eebbisiifaman.

Piroojektoonni kunneen bakka pireezidaantiin naannichaa obbo Odriin Badriifi hoggantoonni olaanoon mootummaa naannichaa biroon argamanitti eebbifamuu ibsaniiru.

Naannichatti magaalotaafi aanaaleetti fayyadamummaa misoomaa haqa qabeessa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu obbo Odriin ibsaniiru.

Hanga barattootaa manneen barnootaa addaan kutanii hir’isuufi waliingahiinsa barnootaa mirkaneessuuf hojiileen ijaarsa bu’uuraalee misooma barnootaa gahee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Yeroo itti aanutti barsiisotaafi hoggansa barnootaa gahumsa qabu ramaduun bu’aa qabeessummaa seektara barnootaa guddisuun barbaachisaa ta’uu addeessaniiru.

Piroojetoonni daandii xumuramuun hariiroo naannolee ollaa daran kan cimsu ta’uu eeruun, qonnaan bultoonni oomisha isaanii gabaaf akka dhiyeessaniif haala mijataa ni uuma jedhan.

Piroojektoota misoomaa ijaaraman eeguufi kunuunsuun dirqama lammiilee hundaa ta’uu qaba jedhaniiru.

Nageessoo Kadirtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.