Fana: At a Speed of Life!

Hariiroo Ityoophiyaa fi Kuweet gidduu dameewwan haaraattis guddisuun barbaachisaa ta’uun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 28, 2015 (FBC)- Hariiroo seena qabeessa Ityoophiyaa fi Kuweet gidduu jiru dameewwan haaraattis guddisuun barbaachisaa ta’uu Kuweettitti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Sa’iid Mahaammad ibsan.

Kuweetitti Ergaman Addaa fi Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Sa’iid Mahaamma xalayaa muudamaa isaanii Ministira Dhimma Alaa Kuweet Sheek Saaleem Abdallaah Al Jabir Al Sabaahiif dhiyeessaniiru.

Marii taasisaniin Ambaasaaddar Sa’iid, hariiroo Ityoophiyaa fi Kuweet gidduu jiru dameewwan haaraattis guddisuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Turtii Kuweetitti qabaataniinis biyyoonni lameen hariiroo isaanii cimsuuf akka hojjetanii fi mootummaan Kuweetis deeggarsa akka taasisuuf amantaa qaban ibsaniiru.

Sheek Saaleem Abdallaah Al Jabiir Al Saabah gama isaaniin, Kuweet hariiroo damee hedduu fi gama lameenii Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu beeksisaniiru.

Ambaasaaddar Sa’iid turtii Kuweetitti qabaataniin, hariiroo biyyoota lameen gidduu cimsuuf hojiilee hojjetaniif deeggarsa akka taasisan mirkaneessaniiru.

Ambaasaaddar Sa’iid ergaa Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin irraa ergame Ministira Dhimma Alaa biyyattiif dhiyeessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.