Fana: At a Speed of Life!

Hariiroon chaayinaa fi Raashiyaa sadarkaa olaanaan guddachuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 22, 2014 (FBC) – Hariiroon chaayinaa fi Raashiyaa sadarkaa olaanaan guddachuu Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin ibsan.

Preezdaant Puutiin hariiroon biyyoota lameenii daraan guddachuun akka isaan gammachiise ibsaniiru.

Biyyoonni lameen karaa faayidaa waloo eegee fi kabajeen hariiroo isaanii guddisuu Fooramii Invastimantii Raashiyaan qopheessiterratti ergaa  gama Viidiyoo koonfiransiin dabarsaniin ibsaniiru.

Preezdaant Puutiin Chaayinaan diinagdeen guddachaa jiraachuu fi guddinnishee duubatti  kan hin deebine ta’uu eeraniiru.

Dhorkii fi qoqqobbiin Chaayinaarratti taasifamu haqa akka hin taanee fi seera idil addunyaa kan faallessu ta’uu kaasaniiru.

Damee Ittisaa Biyyaan Chaayinaan mirga of eeguu akka qabdu eeraniiru.

Mooskoon kana akka yaaddootti kan hin ilaallee fi hariiroon biyyoota lameenii tasgabbii addunyaaf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Maddi:- CGTN

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.