Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni Horsiisee Bulaa Aanaa Mi’eessoo fi Gumbii Bordoddee hiriira balaaleeffannaa garee shororkeessitootaa gaggeessan

Finfinnee, Sadaasa 22, 2014 (FBC) – Godina Harargee Lixaatti Horsiisee Bultoonni Aanaa Mi’eessoo fi Gumbii Bordoddee giddu seentummaa alaa fi gochaa garee shororkeessitootaa hiriira ba’uun balaaleeffatan.
Sirna kanarratti Itti aanaa Preezdaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaloo Abdii dabalatee hoggantooni mootummaa naannoo Oromiyaa fi Godina Harargee Lixaa argamaniiru.
Hawaasni Harargee durii eegalee wareegama qaqqaalii kafaluun gootota kumaatamaan horatee agaammii diinaa kamuu dura dhaabbachuun injiffannoo galmeessaa akka ture goota horsiisee bulaa Yahyaa Alii Siree fakkeenyummaa olaannaan fudhachuun ni danda’ama jedhan obbo Awwaloon.
Hawaasni horsiisee bulaa har’aas akkuma kaleessaa gootummaa qabanniin tokkummaa ofii cimsanii diina biyya keessaa fi alaa biyya diiguuf socha’aa jiru qolachuu qabu jedhan.
Bulchituun Godina Harargee Lixaa Aadde Ekraam Xahaa gama, isaaniitiin ummanni Harargee ummata goota, ummata jaalalaa, ummata biyya isaatiif wareegama lubbuu qaalii fi lafee cabsee eegachaa ture ammas diina qolachuuf tokkummaa cimsuu qaba jedhan.
Hawaasni horsiisee bulaa hiriira kanarratti hirmaatanis bakka Muummeen Ministiraa adda waraanaatti duulanitti nutis hamilee asi teenyee jiraannu waan hin qabneef isaan waliin ni duula jedhaniiru.
Raayyaa Ittisaa Biyyaa lukkuu hanga lubbuutti deeggaruu fi cinaa dhaabbachuuf kutannoo fi xiiqii cimaan kaaneera jechuu isaanii ragaan Waajjira Dhimmoota Komikeeshinii Mootummaa Godina Harargee Lixaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.