Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni ittisaa fi of eeggannoo vayrasii koroonaaf xiyyeeffannaa laachuu qaba jedhe Biiroon Fayyaa Oromiyaa

Finfinnee, Bitootessa 29, 2012 (FBC) – Hawaasni ittisaa fi of eeggannoo vayrasii koroonaaf xiyyeeffannaa laachuu qaba jedhe Biiroon Fayyaa Oromiyaa.

Hogganaan biirichaa Dooktar Mangistuu Baqqalaan ibsa laataniin, Oromiyaatti giddigalli qorannaa laabraatoorii vaayrasii koroonaa magaalaa Adaamaa hojii eegaleera jedhan.

Hoospitaalli Mojoo fi Adaamaas wallaansa namoota vaayrasichaan qabamaniif qophiidha jedhan.

Wallaansi dhibee vaayrsasi koroonaa magaalaa Finfinnee Hoospitaala Ekkaa Kotabee qofatti kennamaa ture, yeroo ammaa naannoleettis kennamuu eegaleera.

Samuudaan namoota 197 dhibichaan shakkamanii magaalaa Adaamaatti ergamee ture hundii bilisa jedhan Dooktar Mangistuun.

Akka naannoo Oromiyaatti namoonni 376 vaayrasichaan shakkamanii samuudaan isaanii laaboraatooriin qoratamuudhan isaan keessaa namootni 3 qabamuun isaanii mirkanaa’era.

Eeruu shakkii namoota 223f hordoffiin taasifameeras jedhan hoggantichi.

Meeshaaleen sirna hargansuu deeggaru 101 baajata mootummaa qabameen bitameera.

Hoospitaalonni 19 yaalii jalqabaaf qopheeffamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.