Fana: At a Speed of Life!

Hawaasni sosochii Barnoonni dhalootaaf deeggarsa Birrii biiliyoona 21 ol taasiise – Ministeericha

Finfinnee, Bitootessa 16, 2016 (FBC) – Sadarkaa Manneen barnootaa fooyyeessuu fi galteewwan barbaachisan guutuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Kanaanis Manneen Barnootaa kuma 14’f haaromsi taasiifamuu fi kumni 1 fi 600 ammoo haaraan ijaaramuu Ministeera Barnootaatti Itti Gaafatamaan Deeksii sagantaa barnootaa fi fooyyessa qulqullina barnootaa Obbo Taayyee Girmaan ibsaniiru.

Sagantaan ‘sosochii Barnoonni Dhalootaaf’ sadarkaa Manneen barnootaa fooyyessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Hawaasni sagantichaaf Birrii biiliyoona 21 ol deeggarsa taasiisuu himaniiru.

Waggoottaan shanan itti aanaan keessa sagantichaan Manneen Barnootaa kuma 50 ol haaromsuuf kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Hawaasni deeggarsa akaakuu fi maallaqaa taasisu cimsee akka itti fufu waamicha dhiyeessaniiru.

Almaaz Makonnintu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.