Fana: At a Speed of Life!

Hidha haaromsaa irratti milkaa’inni diippilomaasii galmaa’a jiru gaheen hawaasa diyaaspooraa baayyachuu eegaleera – Ambaasaaddaroota

Finfinnee, Hagayya 19, 2012 (FBC) – Hidha haaromsaa irratti milkaa’inni diippilomaasii galmaa’a jiru gaheen hawaasa diyaaspooraa baayyachuu eegaleera. – Ambaasaaddaroota

Ityoophiyaan mirga hidha haaromsaa ijaaruu  addunyaatti beeksisuun milkaa’inni diippilomaasii galmaa’a jiru gaheen hawaasa diyaaspooraa baayyachuu eegaluu ambaasaaddaroonni Ityoophiyaa biyyoota garagaraa beeksisan

Faanaa Broodkaastiingi koorporeetiingi waliin turtiii kan taasisaan amabaasaaddaroonni guutuu Ityoophiyaa Ameerikaa, Chaayinaa fi Saawud Arabiyaa yaadaan faayidaa biyyaa eeguun beekkamtii fi deeggarsa maallaqaa taasisun itti fufaniiru jedhan.

Ameerikaatti amabaasaaddarri guutuu Ityoophiyaa obbo Fitsum Araggaa akka dubbatanitti, hawaasni diyaaspooraa Ameerikaatti argaman adeemsa waliigaltee mari’achuun toora miidiyaa hawaasaan duula taasisuun ga’ee isaanii ba’ataniiru.

Duula sosochii kana ammoo gara deeggarasa maallaqaatti hojiin jijjiiruu Imbaasiin hojjetaamaa jira jedhan.

Waashingitaanitti yeroo jalqabaaf lakkoofsi herreegaa maallaqa walitti qabuu banamee yeroo gabaabaa keessatti Doollaarri kuma 30 ol walitti qabamuu Ambaasaaddar Fitsum beeksisaniiru.

Chaayinatti amabaasaaddarri guutuun Ityoophiyaa obbo Tashoomaa Togaa Ityoophiyaan qabeenya ishee misoomsuuf chaayinaan ni hubatti jedhan.

Lammiileen Ityoophiyaa Chaayinaatti argaman ga’ee isaanii akka ba’antaniif hojjetamaa jira jedhaniiru.

Saawud Arabiyaatti amabaasaaddarri guutuun Ityoophiyaa obbo Abdulaaziz Ahimad gama isaaniin diippilomaasiin cimaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.