Fana: At a Speed of Life!

Hindi Ityoophiyaa Godina Hadiyyaattii hojiiwwan misoomaa hojjetaman ni deeggarti – Ambaasaaddar Roobarti Sheetkiintoongi

Finfinnee, Eebla 11, 2013 (FBC)- Hindi Ityoophiyaa Godina Hadiyyaattii hojiiwwan misoomaa hojjetaman akka deeggartu Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindii Ambaasaaddar Roobarti Sheetkiintoongi beeksisan.
Ambaasaaddarichi Ministira Dhimmoota Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee waliin Yuunivarsiitii Waachaamoo daawwataniiru.
Wayita daawwanichaa ambaasaaddarichi akka ibsanitti hojiiwwan misoomaa barnotaa, fayyaa fi kanneen biroo godinichatti hojjetaman biyyi isaanii akka deeggartu eeraniiru.
Damee barnootaan Hindi Yuunivarsiitii Wachaamoo waliin hojjechaa jiraachuu kan eeraan ambaasaaddarichi dabalataniis misooma barsiisootaa fi cee’umsa teeknooloojii irratti deeggarsa taasisuuf waliigalteerra gahuu ibsameera.
Ministirri Dhimmoota Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee gama isaaniin mootummaan hariiroo Ityoophiyaa fi Hindii gidduu jiru cimsuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka gabaasaa TOItti abbootiin qabeenyaa Hindii godinichaatti damee misoomaa garagaraan bobba’uun haalli isaan itti hojii uumaan akka mijatus eeraniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.