Fana: At a Speed of Life!

Hinditti guyyaa tokkotti namoonni kumni 78 ol  COVID-19 qabaman

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC) – Hinditti guyya kaleessa qofatti  namoonni kumni 78 fi 761 vaayrasii koraanaatin qabamaniiru.

Kunis Ameerikaatti baatii Adooleessaa guyyaa tokkotti lakkoofsa olaanaa galma’aan keessa  kuma 1,462 ni caalaa jedhameera.

Hinditti lakkoofsi olaanaan galmaa’ee kun ugguurrii ka’aame ture kaafamuurratti hundaa’eti jedhameera.

Waliigala Hinditti namoonni miiliyoonni 3.5 vaayrasii koroonaatin yoo qabaman, kumni 63 ammoo lubbuun isaanii darbeera.

Dabalataaniis lakkoofsii namoota du’aanii biyyoota Ameerikaa kibbaa waliin wal biraa qabamee yoo ilaalamuu gadi bu’aa ta’uunsa himameera.

Addunyaarratti hanga ammatti lakkoofsii namoota vaayrasii koroonaatin qabamanii 25.3 ol ta’eera.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.