Fana: At a Speed of Life!

Hinditti guyyaa tokkotti namoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 14 ol vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Eebila 14, 2013 (FBC) – Hinditti guyyaa tokkotti namoonni kumni dhibbi 3 fi kumni 14 fi 835 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.
Kunis erga weerarri vaayrasii koroonaa addunyaa muudatee aduu tokkotti lakkoofsa olaanaa ta’uu himameera.
Biyyattiitti sa’aa 24 darbe keessatti lubbuun namoota kuma 2 fi 104 darbeera.
Lakkoofsi namoota dhibichaan qabamanii daraan dabaluu isaan hanqinni meedhaalee hargansuu muudachaa jiraachuu ibsameera.
Indiyaatti hanga ammaatti namoota miiliyoona 15 fi kuma dhibba 9 fi kuma 30 fi 965 dhibichaan qabaman keessaa lubbuun namoota kuma dhibba 1 fi kuma 84 fi 657 darbuu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiiseera.
Hinditti erga torbee lamaatii itti fufiinsa guyyaan namoonni kumni dhibbi 2 ol vaayrasichaan qabamaa jiraachuu Ministeerichi ifoomseera.
Maddi:- CNN
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.