Fana: At a Speed of Life!

Hiriira naannoo buufata boba’aa jiru hambisuuf guyyaatti boba’aan liitirri miiliyoonni 10 ol galaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 27, 2014 (FBC) – Boba’aa waraabuuf hiriira dheeraa naannoo buufata boba’aa jiru hambisuuf guyyaatti boba’aan liitirri miiliyoonni 10 ol guyyaa guyyoottan lamman irraa eegalee gara biyyaa galaa jiraachuu Abbaan Taayitaa To’annoo Boba’aa fi Inarjii beeksise.

Gama dhiyeessiin hanqinni akka hin uumaneef boba’aa guyyaatti dhiyaachaa ture liitira miiliyoona 9 irraa gara miiliyoona 10tti guddisuu Abbaa Taayitichaatti Daayrektarri Sadarkaa Qulqullina Boba’aa obbo Lammeessaa Tulluun dubbataniiru.

Daandiirratti harkifannaan Konkolaattota boba’aa fe’anii akka hin uumamneef koreen hundaa’ee rakkicha waaraan furuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Torban darbe keessa akka biyyatti konkolaattota boba’aa fe’an 200 keessaa 18 Jibuutiirraa buufata Moojoo ga’uu eeruun, warreen hafan irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa fudhatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee konkolaattota guyyaa kaa’ameef hin eegne 8 irraa boba’aa fudhachuu fi naannolee biroonis tarkaanfii walfakkaataa fudhachaa kan jiran ta’uu kaasaniiru.

Rakkicha ariitiin furuuf hojjetamaa jiraachuu eeruun,hordoffii fi to’annoo cimaa taasifameen guyyaa kaleessaa bootteewwan boba’aa fe’an 39 Finfinnee ga’uu ibsaniiru.

Hojii hordoffii fi to’annoo ka’umsaa hanga ga’umsaa humna namaatiin taasifamaa ture meeshaa teeknooloojiin deeggaruuf yaaliirra jiraachuu ibsuu EBCn gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.