Fana: At a Speed of Life!

Hiriirri deeggarsaa injifannoo fi milkaa’ina jijjiiramaan argame itti fufsiisuuf kaayyeffate guutuu Oromiyaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 24, 2015 (FBC) – Hiriirri deeggarsaa injifannoo fi milkaa’ina jijjiiramaan argame itti fufsiisuuf kaayyeffate magaalotaa fi godinaalee Oromiyaa hundatti gaggeeffamaa jira.

Hiriirri deeggarsaa injifannoo fi milkaa’ina jijjiiramaan booda argame itti fufsiisuu kaayyeffate Godina Arsii Bulchiinsa Magaalaa Asalaatti dhaadannoo gara garaa dhageessisuun gaggeeffamaa jira.

Injifannoo wareegama qeerroo, qarreefi hooggansa jijjiiramaatiin arganne tokkummaadhaan ni tikfanna! dhaadannoo jedhuun karaa ho’aafi miidhagina qabuun gaggeessaa jiru.

Hiriirri kun bifuma walfakkatuun godinaalee fi bulchiinsa magaalota Oromiyaa garaagaraa keessatti gaggeeffamaa jira.

Yoonaatan Birihaanuutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.