Fana: At a Speed of Life!

Hoggansaa fi miseensa garee fiinxaaleyyiirratti tarkaanfiin fudhatame-Poolisii

Finfinnee, Ebla 4, 2016 (FBC)- Hoggansaa fi miseensa garee fiinxaaleyyiirratti tarkaanfiin fudhatamuu Poolisiin Magaala Finfinnee beeksise.

Tarkaanfii fudhatameen, hoggansii fi miseensi garichaa tokko yoo ajjeefaman, miseensi tokko ammoo to’annoo jala oolfamuu Poolisiin beeksiseera.

Haaluma kanaan miseensonni garee Fiinxaaleyyii Naahuusannaay Andaargee Taarraqanyi, Abeeneezer Gaashaawu Abaatee fi Habtaamuu Andaargee Tasammaa jedhaman Finfinneetti gochaa shororkeessummaa raawwachuuf ergamaa qabatanii socho’aa turuu poolisiin eereera.

Gochaa shororkeessummaa utuu hinraawwatiin to’anno jala oolchuuf poolisiin wayita tattaaffii taasisaa turetti har’a Kutaa Magaalaa Boolee Aanaa 3 naannawaa galma barkumeetti, fiinxaaleyyiin kunneen akka harka kennatan gaafatamanis eeyyamamoo akka hintaane eerameera.

Haaluma kanaan konkolaataa manaa fayyadamuun miseensota poolisii waliin dhukaasa walitti banuun Naahusannaay Andaargee Madaa’uun gargaarsa wal’aansaaf ergamuun, booda lubbuun darbuun eerameera.

Dabalataan Habtaamuu Andaargee Tasammaan wayita walitti dhukaafamutti lubbuun darbuu ragaan Poolisii Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Akkasumas Abeeneezer Gaashaawu Abaateen utuu hinmadaa’iin to’annoo jala oolfamuun ibsameera.

Fiinxaaleeyyii kanneen to’annoo jala oolchuuf tattaaffii taasifameen Saajiin Araarsaa Tashoomaa fi Konistaabil Maatiyaas Pheexiroos wayita madaa’an Obbo Indaashaawu Geetinnat konkolaataa isaaniin akka fe’aniin wayita dirqamsiifaman waan hintumsineef fiinxaaleyyiin ajjeefamuun himameera.

Poolisiin fuulduratti odeeffannoo irraa ga’u ummataaf kan beekisu ta’uu ibseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.