Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni biyyoota Baha Afrikaa humna waraanaa Riippaabilika Diimokraatawaa Koongootti bobbaasuuf walii galan

Finfinnee, Eebila 14, 2014 (FBC) – Hoggantoonni biyyoota Baha Afrikaa rakkoo nageenyaa biyyattiitti mul’atu furuuf humna waraanaa Riippaabilika Diimokraatawaa Koongootti bobbaasuuf walii galuu ibsameera.

Riippaabilikni Diimokraatawaa Koongoo humna hidhatee baha biyyattii keessa socho’u qolachuuf humna naannawaa hundeessuuf waliigaltee hoggantoota naannawichaan taasifame fudhachuu ibsiteetti.

Marii hoggantoota naannawichaa Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeeffamerratti hoggantoonni biyyoota Riippaabiliika Diimokiraatawaa Koongoo, Keeniyaa, Brundii, Ugaandaa fi Ruwaandaa kan hirmaatan yoo ta’u, humni waraanaa naannawicharraa walitti babba’ee fi Riippaabiliika Diimokiraatawaa  Koongoo keessatti bobba’u ariitiin akka hundaa’uuf qajeelfamni kennamuu ibsameera.

Riippaabiliikni Diimokiraatawaa Koongoo biyya Humni Nagaa Kabachiisaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii olaanaan keessa jiru ta’us kutaan baha biyyattii ammallee taanaan tasgabbii kan hin qabnedha.

Kutaa baha biyyattii keessa gareen  Allied Force (ADF) jedhamu  yeroo baayyee haleellaa kan raawwatu ta’uu ibsameera.

Humni Adda Bilisa Baasaa Ruwaandaa jedhamu humna yaaddoo nageenyaa naannawichaa isa biraa yoo ta’u, garichi namoota bara 1994 duguuggaa sanyii uummata Tuutsii irratti hirmaataniin kan hogganamu ta’uu himameera.

Gareen hidhattootaa biyyoota biroo Riippaabiliika Diimokiraatawaa Koongoo keessa socho’an saffisaan naannawicha gadi lakkisanii akka ba’aniif hoggantoota biyyoota Baha Afrikaan qajeelfamni kan laatame yoo ta’u, gareen hidhattoota biyyattiis waraanaan furmaata barbaaduurra saffisaan gara marii siyaasaatti akka seenan gaafataniiru.

Hoggantoonni kunneen ji’a ji’aan wal arguun jijjiiramoota gamaaggamuuf murteessuu CGTN Afrikan gabaaseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.