Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni mootummaa olaanoon naannoo Amaaraa fi Beeniishanguul Guumz magaalaa Bahaar Daaritti mari’achaa jiru

Finfinnee, Caamsaa 28, 2012 (FBC) – Hoggantoonni mootummaa olaanoon naannoo Amaaraa fi Beeniishanguul Guumz magaalaa Bahaar Daaritti mari’achaa jiru.
 
Hoggantoonn kunneen haala raawwii labsii yeroo ariiifachiisaa Matakkalii fi naannoo isheerratti mari’achaa jiru jedhame.
 
Gamaaggama kanarratti Preezdaantiin naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xirunaa fi Preezdaantiin naannoo Beeniishanguul Guumz obbo Ashaadilii Hasan argamaniiru.
 
Naannoleen lamaan waliin hojjechuun isaanii naannichaatti olaantummaa seeraa fi nageenya amansiisaa mirkaneessuuf shooraa olaanaa qaba jedhame.
 
Walitti bu’iinsa naannolee lamaan gidduutti uummameen lammiileen kumni 49 ol qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu Komishiniin Qindeessa Ittisa Balaa, Wabii Nyaataa fi naannoolee deeggarsa addaa barbaadanii ibsuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Akka dhaabbanni sabqunnamtii naannoo Amaaraa beeksisetti,baatiiwwan darban naannichatti nageenyi waaraa bu’uu isaan lammiileen kuma 30 ol gara qa’ee fi qabeenya isaatti deebi’aniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.