Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni olaanoon mana marichaa dhimmoota waqtaawaa fi biyyaaleessaarratti mari’achaa jiru

Finfinnee, Muddee 26, 2014 (FBC) – Hoggantoonni olaanoon Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa dhimmoota waqtaawaa fi biyyaaleessaarratti mari’achaa jiru.
Mata duree ‘Injifannoo waaraan gara Badhaadhinaa fi rakkoolee waaraanaan boodaa’ jedhurratti mari’achaa jiraachuu ibsameera.
Waraanaan booda rakkoolee keessaa fi alaa muudachuu danda’aan ejjennoon qolachuun Ityoophiyaa sadarkaa fooyya’aatti ceesiisuun ijoo marichaa ta’uu Wamamaa olaanaan Mootummaa obbo Tasfaayee Beljigee ibsaniiru.
Miidhaa fi badii sababa waraanaan qaqqabe ulfaataa ta’us carraa argameetti sirnaan fayyadamuun murteessaa ta’uu eeraniiru.
Bu’uuraalee misoomaa barbadaa’an deebisaanii ijaaruun tokkummaa sabdaneessaa biyyaalessaa argame eegsiisuun nageenya waaraa buusuun misoomaa fi guddina Ityoophiyaa itti fufsiisuun xiyyeeffannoo yeroo itti aanuu ta’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.