Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni olaanoon odeeffannoo loltummaa Ityoophiyaafi Sudaan nageenyarratti waloon hojjechuuf mari’atan

Finfinnee, Mudde 15, 2015 (FBC) – Hoggantoonni olaanoon odeeffannoo loltummaa Ityoophiyaafi Sudaan nageenyaafi tasgabbiirratti haala waloon hojjechuu danda’anirratti  mari’atan.

Maricharratti qajeelchaa olaanaan odeeffannoo Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejer Jeneraal Damisawu Amanuun, Ityoophiyaafi Sudaan uummata waggoottan dheraaf aadaafi seenaa waliin qooddatan ta’uu ibsaniiru.

Ashaaraan waldanda’uufi waliin jireenyaa gaariin haala waaraa ta’een akka itti fufuuf nageenyaafi tasgabbiirratti waloon hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Hogganaan Odeeffannoo loltummaa Sudaan Meejer Jeneraal Mahaammad Aliin gamasaaniin, waliigalteen waloon hojjechuuf taasifamu hanqinaalee jiran furuuf kan gargaaran ta’uu dubbataniiru.

Waltajjicharratti hoggantoonni olaanoon Raayyaa Ittisa Biyyaa biyyoota lameenii argamuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.