Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Olaanooniifi hojjettoonni  Paartii Badhaadhinaa RIB’f dhiiga arjooman

Finfinnee, Fulbaana 25, 2015(FBC)- Hoggantoonni Olaanooniifi hojjettoonni  Paartii Badhaadhinaa Raayyaa Ittisa Biyyaaf dhiiga arjoomaniiru.

Sagantaan dhiiga arjoomuu Waajjira olaanaa paartichaatti qophaa’e deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasifamu cimsuurratti kaayyeffachuu ibsameera.

Hoggantoonniifi hojjettoonni paartichaa Raayyaa Ittisa Biyyaa weerara garee shororkeessaa ABUT qolachaa jiruuf deeggarsi taasisan cimee itti fufuu akka qabu Ittaanaan Pireezidaantii paartichaa Adam Faaraahi ibsaniiru.

Deeggarsa barbaachisu taasisuuf paartichi kutannoo qabaachuu ibsuu isaanii ragaan waajjira paarticharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.