Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Paartii Badhaadhinaa godinaalee fi aanaalee naannoo Oromiyaa fi Amaaraa waldaangessanii marii waloo taasiisan

Finfinnee, Eebila 3, 2013 (FBC) — Hoggantoota Paartii Badhaadhinaa godinaalee fi aanaalee naannoo Oromiyaa fi Amaaraa waldaangessan gidduutti mariin waloo taasiifame.

Rakkoo nageenyaa Naannolee lamaan gidduutti muudatu hundeerraa furuuf Itti gaafatamtoota Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godinaalee fi Aanaalee Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa jidduutti mariin waloo Finfinneetti gaggeeffameera.

Dhimmoota nageenyaa naannolee lamaani ammaa fi gara fuulduraa, filannoo biyyoolessaa marsaa 6ffaa fi odeeffannoo sobaa biyyoonni idil addunyaa tokko tokko Ityoophiyaarratti qaban maqsuu haala danda’amurratti mari’ataniiru.

Hariiroo Godinaalee fi Aanaalee ollaa naannolee lamaanii caalmaatti cimsuuf hojjetamaa jira jedhame.

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa naannoo Oromiyaa obbo Fiqaaduu Tasammaa fi kan naannoo Amaaraa obbo Abrahaam Alleehenyi Ummata naannolee kanneenii gidduu rakkoon kan hin jirre ta’uu fi rakkoon yeroo ammaa darbee darbee muul’atu shira diinootaa ta’uu himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.