Fana: At a Speed of Life!

Hoggatoonni olaanoon naannoo Soomaalee fi miseensonni mana maree naannoo Gaambeellaa biqiltuu dhaaban

Finfinnee, Adoolessa 22, 2012 (FBC) – Itti aanaa Preezdaantii naannoo Soomaalee obbo Musxaafee Mahaammad dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa fi miseensonni Mana Maree Gaambeellaa biqiltuu dhaaban.
 
Duula Ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoon naannoo Soomaaleetti biqiltuu miiliyoonatti lakkaawwaman dhaabuuf haaluma karoorfameen gaggeeffamaa jiraachuu obbo Musxaafeen himaniiru.
 
Naannichaatti bara kana biqiltuu miiliyoona 3.8 dhaabuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti biqiltuun miiliyoonni 2 fi kumni dhibbi 3 fi kumni 58 dhaabbachuu himaniiru.
 
Oduu biroon miseensonni mana maree yaa’ii idilee 10ffaa naannoo Gaambeellaarratti hirmaatan biqiltuu dhaabaniiru.
 
Hojiin misooma ashaaraa magariisaa dhimma lubbuun jiraachuu fi dhabuu ta’uu isaatiin biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane kunuunsa barbaachisuu taasisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Preezdaantiin naannoo Gaambeellaa obbo Umad Ujuluun dubbataniiru.
 
Gama biroon naannoo Oromiyaatti guyyaa har’aa biqiltuu miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 4 dhaabuuf karoorfame keessa hanga sa’aatii 10tti biqiltuun miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 85 fi kumni dhibbi 4 fi kumni 77 ol dhaabbachuu ibsameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.