Fana: At a Speed of Life!

Hojii yakka malaammaltummaa ittisuuf hojjetameen Birrii miiliyoona 812 baraaruun danda’amuu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 19, 2016 (FBC) – Hojii yakka malaammaltummaa ittisuuf hojjetameen Birrii miiliyoona 812 baraaruun danda’amuu Komishiniin Namuusaa fi Farra Malaammaltummaa beeksiiseera.

Kurmaana 1ffaa darbe keessaa hojii ariifachiisaa yakka malaammaltummaa ittisuuf hojjetameen Birrii miiliyoona 812 baraaruun danda’amuu ibseera.

Komishinichi raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara hojii 2016 Koree Dhaabbii Dhimmoota Diimokiraasii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeesseera.

Dhaloota namuusa gaarii qabu horachuun bara 2022tti biyya malaammaltummaarraa bilisa taatee fi Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuu Komishinarri Komishinichaa Dooktar Saamu’eel Hurqaattoon ibsaniiru.

Hayyoota walaba ta’aniin qorannooon gaggeeffamuu kaasuun, qoranichi sodaa damichaan jiru ifatti kan mul’ise ta’uu eeraniiru.

Komishinichi galmoota qabate milkeessuuf damichaan lammiileef hubannoo barbaachisu uumuuf sanadoota filataman 5 qopheessuun hojii hojjeteen bu’aa jajjabeessan argamuu Dooktar Saamu’eel himaniiru.

Waliigalaan kurmaana darbe kana keessa eeruu 92 argame bu’uura taasisuun qorannoo gaggeeffameen Birrii miiliyoona 812 baraaruun danda’amuu himaniiru.

Taammiraat Bishawutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.