Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee filataman hojjechuun dhiibbaa jireenya hawaasaa hir’isuuf tattaaffiin taasisnu itti fufa- Aadde Adaanech Abeebee

Finfinnee, Caamsaa 12, 2014 (FBC) – Hojiilee filataman hojjechuunii fi bu’aa fiduun dhiibbaa jireenya hawaasaa hir’isuuf tattaaffiin taasisan kan itti fufu ta’uu Kantiibaan magaalaa Finfinnee  Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.

Kutaa magaalaa Lidataatti sagantaan jalqabsiisa hojiilee guyyoottan 60 itti aananiitti hojjetamanii gaggeeffamaa jira.

Rakkoo kutaalee magaalaa hunda al tokkotti furuun danda’amuu baatus kutaalee magaalaa adda baafamanitti hojiilee filataman hojjechuunii fi bu’aa fiduun dhiibbaa jireenyaa hawaasaa hir’isuuf tattaaffiin taasisan kan itti fufu ta’uu aadde Adaanech saganticharratti ibsaniiru.

Dhiyeessiin daabboo, maaddii qooduu fi nyaataa babal’isuun, qonna magaalaa babal’isuun, kenniinsa tajaajilaa fooyyessuun, ijaarsii fi haaromsi manneenii hojiilee xiyyeeffannoon itti laatamee gara hojiitti galameera jedhan.

Ijaarsi gamoo mana jireenyaa 4 rakkoo mana jireenyaa kutaa magaalichaa hir’isuu danda’uu fi abbootii warraa 200’f oolan, ijaarsi warshaa daabboo, haaromsi manneen 200 guyyaa har’aa ifatti kan eegalu ta’uu ibsameera.

Qiddist Abaataatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.