Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee ittisa jijjiirama qabeenya qilleensaa karooraa misoomaa biyyaalessaa biroon walitti hidhuun hojiirra oolchuuf hojjetamaa jira-Dooktar Fitsum Asaffaa

Finfinnee, Amajjii 29, 2015 (FBC)- Hojiilee ittisaa fi dhiibbaa jijjiirama qabeenya qilleensaatti madaquuf karoora misooma biyyaalessaa biroon walitti hidhuun hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaa.

Dooktar Fitsum Asaffaan garee jilaa Hoji Gaggeessaa Inistitiyuutii Qabeenyaalee Addunyaa Anii Daangotaaniin durfamuu waliin waajjira isaaniitti mari’ataniiru.

Marii isaaniin jijjiiramni qabeenya qilleensaa diinagdee Ityoophiyaa irraattii dhiibbaa olaanaa geessisaa jiraachuu fi mootummaan hojii ittisaa xiyyeeffannaa olaanaan  hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Karoora waggoota 10 mootummaa keessatti hojii ittisa jijjiirama qabeenyaa qilleensaa akka utubaa karooraa tarsiimawaatti hammatamuu kaasaniiru.

Tarsiimoon misoomaa dinagdee magariisaa dandamaataa jijjiiramaa qabeenyaa qillensaa bocamuun hojiirraa oolfamuus kaaaniiru.

Ityoophiyaan gahee  faalama qilleensaa keessatti qabdu gadaanaa ta’us, biyyoonni guddatan miidhaan faalaamaan geessisaa jiran biyyattii gatii olaanaa kaffalchiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Dooktar Fitsum kanaan duras hongee waggoota kudhaniin mudatu ammas waggaa sadiin mudachuu eegaluu fi lolaa fi rakkoolee jijjiiramaa qilleensaa hordofanii mudataniin Ityoophiyaan qoramaa jiraachuu kaasaniiru.

Dhiyeenyas tarsiimoo misoomaa gadi lakkifama gaazii faalaa gadaanaa ifomsuun Ityoophiyaan damechaan ejjennoo fi murannoo cimaa qabdu mirkaneessuu caalaa qabatamaadhaan jijjiiramaa fiduu ibsaniiru.

Pireezidaantii fi Hojii Gaggeessaan Inistitiyuutii Qabeenyaalee Addunyaa Anii Daangotaa gama isaaniin, biqiltuuwwan biiliyoona 25 waggoota 4 keessatti dhaabuu danda’uun muuxannoo gaarii biyyoota addunyaaf ta’uudha jedhaniiru.

Hojii kanaafis inistitiyuutichi beekamtii kan kennu ta’uu eeruun, hojiilee ittisaa dhiibbaa jijjiiramaa qilleensaan  jijjiiramoota dhufan ilaalchisees ragaalee saayinsaawaa qindeessuun deeggarsa barbaachisaa akka taasifamu dubbataniiru.

Yaa’ii jijjiirama qilleensaa 28ffaa Emereetota Araba Gamtoomaanitti gaggeeffamurratti hirmaachuu fi dameewwan walta’iinsa biroorratti mari’achuu eerameera.

Deeggarsaa ragaalee qindeessuu eegalaman, ijaarsa dandeettii humna namaa fi dameewwan walta’iinsaa walfakkaataa biroorratti hojiilee eegalaman cimsuuf waliigalteerra ga’amuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.