Fana: At a Speed of Life!

Hojiilee wabii midhaan nyaataan of danda’uuf hojjetamaa jiru keessa qonni isa olaanaadha – Obbo Musxafee Mahaammad

Finfinnee, Caamsaa 7, 2014 (FBC) – Preezdaantiin Naannoo Somaalee obbo Musxafee Mahaammad kuduraa fi mudaraalee jiraattoonni Godina Faafan magaalaa Dagaahiillee gabaaf dhiyeessaa jiran daawwataniiru.

Magaalaan Dagaahiillee magaaloota naannichaa misooma qonnaaf mijattuu ta’an keesaa tokko yoo taatu,qonnaan bultoonni oomisha isaanii magaalaa Jigjigaaf dhiyeessu.

Obbo Musxafeen hojiilee kanneen daawwachuun qonnaan bultootas jajjabeessaniiru

Mootummaan naannichaa misooma qonnaaf xiyyeeffannoo addaa kan laatu ta’uu fi qonnaa bultootaafis deeggarsa barbaachisu kan taasiisu ta’uu dubbataniiru.

Mootummaa naannichaa bara oomishaa 2015 callaa kuntaala miiliyoona 20 argachuuf karoorfachuu himaniiru.

Hojiilee wabii midhaan nyaataan of danda’uuf hojjetamaa jiru keessa qonni isa olaanaa akka ta’e ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.