Fana: At a Speed of Life!

Hojiileen qophii duraa Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afrikaa daawwatame

Finfinnee, Guraandhala 1, 2015 (FBC) – Koreen qophii Biyyaalesaa hojiilee qophii duraa Yaa’ii Idilee Hoggantoota Gamtaa Afrikaa daawwateera.

Hanga ammaatti hojiileen qophii duraa haala gaariin raawwatamaa jiraachuu Ministeera Dhimma Alaatti hogganaa olaanaan dhimmoota Pirootokoolii Ambaasaaddar Dammaqaa Axinaafuun ibsaniiru.

Kaayyoo Yaa’ii Idilee Gamtaa Afrikaa milkeessuuf hojjetamaa jiraachuu eeruun, turtii hoggantoota kanneenii milkaa’aa taasiisuuf Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Mooraa Galma walga’ii Gamtaa Afrikaa eegalee daandiiwwan murteessoo ta’an hojiin miidhagsuu hojjetamaa jiraachuu himuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.