Fana: At a Speed of Life!

Hojiin diriirsa elektirikii proojektii baaburaa Awaash-Komboolchaa–Gabaa Haaraa itti fufe

Finfinnee, Muddee 13, 2012 (FBC) – Diriirsa elektirikii proojektii baaburaa Awaash-Komboolchaa–Gabaa Haaraa waliin walqabatee waliigaltee dhabuu Humna Elektirikii Ityoophiyaa fi Koorporeeshinii Baabura Lafaa gidduutti uumame mootummaan furmaata itti laate.

Kiiloo meetra 390 kan dheeratu projektichi ijaarsi marsaa duraa xumuraamee fi yaaliin erga godhamee booddee dhiyeessiin humna guutamuu dhabuun yeroo tajaajila kennuu qabutti otuu hin laatiin hafeera.

Waliigalteen dhabuun Korporeeshinii Baaburaa Lafaa Ityoophiyaa fi Tajaajila Elektirikii Ityoophiyaa gidduutti uumameen dhiyeessiin humna proojektichaa yeroo yaadametti akka hin dhiyaannee ta’eera.

Tibbana mootummaan dhimmicharratti gidduu galuun murtee dhimma baajata proojektichaaf fala ta’u dabarseera.

Bu’uruma kanaan hojii haftee proojektichaa xumuruuf  mootummaa fi bittaa calbaasii sararoota humna walqunamsiisuuf kan oolu gama Humna Elektirii Ityoophiyaan bahii ta’ee hojiichi akka eegalu waliigalameera.

Bu’uruma waliigalameen baasii barbaachisu ministeera maallaqaan baasii kan ta’u yoo ta’u, idaasaa Korporeeshinii Baaburaa Lafaa Ityoophiyaatu kafala jedhame.

Ijaarsi marsaa lammaffaa bara 2007 kan eegale yoo ta’u, yeroo ammaa hojiin hadiida diriirsuu Awaash-Kombolchaa xumuramuun yaaliin taasifameera.

Sarara baaburaa Awaash-Kombolchaa–Gabaa Haaraa ijaarmeef dadabarsa humnaa sarara olaanaa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 37.5 barbaachisa jechuun Firehwoot Saffiwtu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.