Fana: At a Speed of Life!

Hojiiwwan Raayyaa Ittisa Biyyaa humna namaan cimsuuf hojjetaman irratti hooggansi xiyyeeffannoo kennu qaba jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2014 (FBC) – Hojiiwwan Raayyaa Ittisa Biyyaa humna namaan cimsuuf hojjetaman irratti hooggansi xiyyeeffannoo kennuu akka qabu hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhina Hararii obbo Abduljabbaar Mahaammad ibsaniiru.

Obbo Abduljabbaar hooggantoota aanaalee, hooggantoota nageenyaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu biro waliin marii taasisaniiru.

Waamicha biyyaa ilaalchisee naannichatti hojiileen jajjabeessoon hojjetamuu eeraniiru.

Garee shororkeessaa ABUT bu’uurarraa balleessuuf hojiin Raayyaa Ittisa Biyyaa humna namaan cimsuu xiyyeeffannoon kan kennamu ta’uu kaasaniiru.

Hooggansi haala qindaa’ee fi n uummata hirmaachiseen  socho’uun dargaggoon Raayyaa Ittisa Biyyaatti akka makamu gochuu qabu jedhaniiru.

Hooggansi naannichaa uummata qindeessuun ergama biyyaa itti kenname haalaan ba’achuu akka qabu Itti aanaan hoogganaa Biiroo Nageenyaa fi tasgabbii naannichaa obbo Xilaahuun Waadaraa ibsaniiru.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.