Fana: At a Speed of Life!

hojjettoonni mootummaa federaalaa Bitootessa 25, 2012 irraa eegalee mana isaanii taa’anii akka hojjetan murtaa’e

Finfinnee, Bitootessa 15, 2012 (FBC) –Manne Maree Ministirootaa Ityoophiyaa walgahii ariifachiisaa har’a taa’een hojjettoonni mootummaa federaalaa boru Bitootessa 16, 2012 irraa eegalee mana isaanii taa’anii akka hojjetan murteessuu isaa beeksise.

Ibsa Waajjirii Muummee Ministiraa baase hojjettoonni manaa hojjetan ulaagaa Ministeeronni ykn manneen hojii isaanii qopheessan irratti hundaa’uun filamu jedha.

Murteen kun sochii namootaa fi dhiphina geejjibaa magaalaa Finfinnee keessa jiru xiqqeessuuf kan fudhatamedha jedhame.

Kanatti dabalataan tamsa’ina koronaavaayirasii to’achuufi ittisuuf Manni Maree Ministirootaa koreewwan dabalataa ijaaruu isaa beeksisee jira.

Koreen dhimma fayyaa, dhimma nageenyaa fi dhimma diinagdee koreewwan ammaan dura ijaaraman yoo ta’an dabalataan koreen dhimma iddoo namoonni adda baafamanii tursiifamanii hordofu fi koreen ICT dhimma komunikeeshinii fi hojilee hubannoo uumuu qindeessuu hundaa’eera.

Manni Maree kun hawaasni tarkaanfiiwwan mootummaan dabarsaa jiru hordofee hojiirra akka oolchus dhaamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.