Fana: At a Speed of Life!

Hokkora guyyaa kaleessaa Dirree Dawaatti uumameen wal qabatee shakkamtoonni 89 to’annoo jala oolan

Finfinnee, Eebila 22, 2014 (FBC) – Hokkora guyyaa kaleessa magaalaa Dirree Dawaatti uumamee ilaalchisee Biiroon Kominikeeshinii magaalichaa ibsa laatera.

Guyyaa keessaa hariiroo gaarii hawaasaa Musiliimaa fi Kiristiyaanaa gidduu jiru gurraachessuuf farreen nageenyaa wayita hawaasni Musiliimaa Solaata Juma’aa xumuruun gara manaa deebi’aa jiranitti hokkoraa fi jeequmsa kaasuun namaa fi qabeenyarra miidhaan ga’uu Itti gaafatamaan Biiroo Kominikeeshinii obbo Biruk Fallaqaa fi Daayrektarri Daayreektoreetii Hariiroo Uummataa qajeelcha Poolisaa Waliigalaa magaalichaa Komaandar Gammachuu Kaachaa ibsa waloon laataniin himaniiru.

Hokkora uumameen lubbuun daa’ima umrii waggaa 4 darbuu, Miseensonni Poolisii 22 miidhamuu fi qaamoleen dhagaa darbachaa turanis miidhamuu eeraniiru.

Hokkora uumameen wal qabatee shakkamtoonni 89 to’annoo jala ooluu ibsaniiru.

Guyyaa har’aa eegalee hariira nagaa gaggeessuun fi gareen gurmaa’uun socho’uun dhorkaa ta’uu Manni Maree magaalichaa walga’ii guyyaa har’aa gaggeesseen murtoo dabarsuu ibsichi eereera.

Qaamolee murtoo kana darbuun sochii taasisuuf yaalanirratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu eeraniiru.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.