Fana: At a Speed of Life!

Hoolaan qaalii addunyaa keenya doolaara kuma dhibba 4 oliin gurgurame

Finfinnee, Hagayya 25, 2012 (FBC)- Hoolaan qaalii addunyaa keenya doolaara Ameerikaa kuma dhibba 4 fi kuma 90tti gurgurameera.

Bittaan hoolichaa kan gaggeeffame gurgurtaa biyyooleessa Iskootilaandirraatti falmii dhumaa olaanaa ta’eeni jedhameera.

Baniinsi caalbaasicha doolaara Ameerikaa kuma 9 yoo ta’u, ariitiidhaan hammi maallaqicha gara doolaraa Ameerikaa kuma dhibba 4 fi kuma 90tti ol guddatera jedhame.

Hoolaan Iskootilaandiitti gatii kanaan gurguraame kun  bakka Teeksaas jedhame beekamu iddoo gurgurtaa hoolootaatti.

Yeroo amman kana hoolichii addunyaarratti hoolaa gatiin isaa qaalii ta’uu danda’eedha.

Daayimandii jedhamee kan waamamu hoolaan kun qonnaan bultoonni sadii sharikuumman horsiisaaf bitachuu kan murteessanidha jedhameera.

Kana duraa bara Faranjoota 2009tti hoolaan doolaraa Ameerikaa kuma dhibba 2 fi kuma 31 gurguraameet ture.

Maddi፦ howafrica.com

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.