Fana: At a Speed of Life!

Hoospitaala Qidduus Phaawloos keessatti giddugalli haadholii fi daa’immanii ijaarrame hojii eegaluufi

Finfinnee, Muddee 8, 2012 (FBC) – Hoospitaala Qidduus Phaawloos keessatti giddugalli haadholii fi daa’immanii ijaarrame hojii eegaluufi.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Amiir Amaan giddugala haadholii fi daa’immanii Hoospitaala Qidduus Phaawloos, akkasumas giddugala kuusaa galteewwan yaalaa Eejansii Dhiyeessii Qorichaa Ityoophiyaatti ijaarrame daawwataniiru.

Giddugalli haadholii fi daa’immanii kun kan abbaa darbii 8 yammuu ta’u, sireewwan yaalaa mijatoo 450 kan qabu yammuu ta’u, dhiyeenyatti ebbifamuun hojii kan eegalu ta’uu Dooktar Amiir Amaan beeksisaniiru.

Giddugalli kuusaa galteewwan yaalaa Eejansii Dhiyeessii Qorichaa Ityoophiyaatti galteewwan yaalaa qabbana diigrii seentiigireedii 2 amma 8tti kuufamuu malan, kutaaleen qabbanaa 6 hojjetamaniiru.

Kutaaleen qabbana olaanaa 2; kan diigrii seentii gireedii 25 amma 15 qaban ijaarramanii xumuramaa jiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.