Fana: At a Speed of Life!

Horsiisee bultoonni Booranaa inshuraansii Birrii miiliyoona 114 ol argatan

Finfinnee, Hagayya 11, 2015 (FBC)- Godina Booranaatti balaa hongee mudatee tureen fayyadamtoota inshuraasi fayyaa beeylaada abbootii warraa kuma 21olii Inshuraansiin Birrii miliyoona 114 fi kuma 961 kaffalamuun himame.

Horsiisee bultoonni kunneen Pirojektiin “Derisking Inclusive Value Chain Enhancement” jedhamuun fayyadamtotaa ta’uun ibsamera.

Miidhaa hongee deddeebi’ee hawaasa horsiisee bulaaf yaaddoo ta’eef furmaata kennuuf barana jiraattoota Aanaalee Godinaalee Booranaa, Boorana Bahaa, Godina Gujii Lixaaf leenjiin hubannoo miseensummaa kennamaa jiraachuu Itti gaafatamaan Pirojektichaa Obbo Magarsaa Mirreessaa himan.

Bulchaan Godina Booranaa Obbo Abdisalaam Waariyoo gama isaaniin beeyladni horsiisee bultoota yeroo hongeen mudatutti wabii akka argataniif hojjetamaa jiraachuu eeruun, hawaasni akkuma inshuraansii fayyaa namaa, miseensa inshuraansii fayyaa beeyladaa ta’uu akka qabu dhaamuu ragaan kominikeshinii Booranaarraa argame ni mul’isa.

Maloota rakkoolee hongee jalaa ittiin dandamatan gama piroojektoota finnaa, omisha margaa gaggeeffamaa jirutti dabalataan horsiisee bultoonni wabii inshuraansii beeyladaa akka argataniif hojjetamaa jiraachuu Ittaanaan Itti gaafatamaa Biiroo Jallisii fi Misooma Horsiisee Bultootaa Oromiyaa Obbo Roobaa Turcee himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.