Fana: At a Speed of Life!

Humni Waraanaa Raashiyaa bulchiinsa Doonibaas guutumaa guutuutti to’ate

Finfinnee, Waxabajjii 26, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Rippaablika Doonibaas guutumaa guutuutti Humna Waraanaa Raashiyaan to’atamuu ibsameera.

Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisaa Raashiyaa Sargeey Shooyiguun Waraanni Yukreen guutumaa guutuutti bulchiinsa Rippaablika Doonibaas keessaa ba’uu isaanii ibsa Pireezidaantii biyyattii Vilaadmiir Putiiniif laataniin himaniiru.

Waraanni Yukreenii fi Raashiyaa jalqaba torbee kanaa magaalaa Liisiichaansiik to’achuuf naannolee buufataalee boba’aatti waraana cimaa gaggeessaa turuun gabaafamuun kan yaadatamuudha.

Pireezidaantiin Yukreen Vooloodoomiir Zalaniskiin magaaloota Waraana Raashiyaan qabaman deebinee gadi lakkisiifna jedhanii turan.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.