Fana: At a Speed of Life!

Humnoonni addaa naannolee garaagaraa nageenya naannoo Hidha Haaromsaa eeguuf qophii ta’uu ibsan

Finfinnee, Adooleessa 14, 2013 (FBC) – Humnoonni addaa naannoo Sidaamaa, Kibbaa fi Gaambeellaa nageenya naannoo Hidha Haaromsaa eeguuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Humnoota addaa waamicha biyyaa fudhachuun dirqama isaanii ba’uuf Godina Matakkal ga’aniif qajeelfamni hojii fi bobbii laatameera.
Tarkaanfii fudhatameen naannichatti tasgabbiin bu’uu itti aanaa ajejaan ajeja Lixaa fi miseensi humna Komaandi Poostii godina Matakkal Birgaadeer Jeneral Alamaayyoohu Waldee ibsaniiru.
Humnoonni addaa kunneen waamicha biyyaa fudhatachuun gara Matakkal dhufuu isaanii galateeffataniiru.
Ijaarsi Hidha Haaromsaa haala amansiisaa ta’een akka itti fufu ergama itti laatame ga’umsaan akka ba’an dhaamaniiru.
Shira diinni raawwachuuf jechu kamiiyyuu qolachuuf qophii ta’uu miseensoonni humna addaa kunneen ibsaniiru.
Birmadummaa biyyaa fi nageenya ummata kabachiisuuf imaanaa itti laatame ba’uu qophii ta’uu himaniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.