Fana: At a Speed of Life!

Humnoonni Sudaan lameen waraana akka dhaaban Saa’uud Arabiyaan waamichaa dhiyeessite

Finfinnee, Adoolessa 24, 2015 (FBC)- Ministirri Alaa Saa’uud Araabiyaa Faayisal Biin Farhaan Sa’uudu humnoonni Sudaan keessatti walwaraanan lameen walitti bu’iinsa dhaabuun biyyatti tasgabbeessuuf furmaata siyaasaa akka barbaadan waamicha dhiyeessaniiru.

Jeneraala Humna Waraanaa Sudaan Abdulfattaa Alburhaan waliin marii bilbilaan kan taasisan Ministirri Alaa Saa’uud Araabiyaa kun, humnoonni lameen nagaaf tasgabbii laammiilee eegsisuu fi faayidaa biyyattii akka dursan hubachiisuu CGTN gabaaseera.

Hojii deeggarsaa, nageenyaa siviiloota fi hojjettoota deeggarsa namoomaa dhiyeessaanii mirkanneessuuf hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Bara faranjoota Eebla 15 humnoota waraana Sudaan lamaan gidduutti walitti bu’iinsi umaamuun biyyatti rakkoof saaxiluun ni yaadatama.

Humnoota lameen gidduutti nageenyi akka uumamuuf tattaaffiin garaagaraa taasifama turuun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.