Fana: At a Speed of Life!

Hundeeffamni Gamtaa Afrikaa waggaa 60ffaan Caamsaa 17 eegalee kabajama jedhame

Finfinnee, Caamsaa 10, 2015 (FBC)- Hundeeffamni waggaa 60ffaa Gamtaa Afrikaa Caamsaa 17, 2015 eegalee sagantaalee garaagaraan akka kabajamu Ministeerri Dhimma Alaa ibse.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alam miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin hundeeffamni waggaa 60ffaa Gamtaa Afrikaa biyyootaa miseensotaa gamtichaan sgantaalee garaagraan kabajama jedhaniiru.

Sirni kabajaa hundeeffama waggaa 60ffaa gamtichaas Caamsaa 17, 2015 eegalee waggaa tokkoof tura jedhameera.

Dabalataan tattaaffii Paan Afrikaaniizimii mirkaneessuuf taasifamanii fi qabsoowwan gita bittaa cabsuuf taasifaman akka leellifaman akkasumas galmoota Ajandaa 2023 Afrikaan milkeessuuf qabatte kan ilaalaman ta’uu himaniiru

Dabalataanis daawwannaa Jilli Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan durfamu Paakistaanitti taasisa jiruu fi daawwannaa Ittaantuun Pireezidaantii Kolombiyaa yeroo jalqabaaf Ityoophiyaatti taasisan ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Haala yeroo Sudaanirratti ibsa kan kennan Ambaasaaddar Mallas lammiilee Sudaan waraanaa baqachuun godaaniniif Ityoophiyaan deeggarsa taasisuu itti fufti jechuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.