Fana: At a Speed of Life!

Iddooleen rakkoo nageenyaa keessaa turan sodaa keessaa ba’uun fuula isaanii gara misoomaatti deebisaniiru – Obbo Ashaadilii Hasan

Finfinnee, Ebla 4, 2016 (FBC) – Iddooleen rakkoo nageenyaa keessaa turan sodaa keessaa ba’uun fuula isaanii gara misoomaatti deebisuu Pireezidaantiin Naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan ibsan.

Manni Maree Nageenyaa naannichaa hojiilee damee nageenyaan baatiwwan saddeettan darban hojjetame gamaaggameera.

Hojii Nageenya waaraa buusuuf qindoominaan hojjetameen nageenyaa fi tasgabbii ummataa mirkaneessuun danda’amuu Obbo Ashaadiliin himaniiru.

Caasaan nageenyaa ummata waliin ta’uun hojii jajjabeessaa hojjechuu dubbataniiru.

Iddooleen rakkoo nageenyaa keessaa turan yeroo ammaa
sodaa keessaa ba’uun fuula isaanii gara misoomaatti deebisuu eeraniiru.

Nageenya argame waaraan itichuuf caasaaleen nageenyaa qindoominaan hojjechuu akka qaban dubbachuu ragaan Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.