Fana: At a Speed of Life!

Iiraanitti ambaasaaddarri Ingiliiz to’annoo jala oolan

Finfinnee, Amajjii 4, 2012 (FBC) – Iiraanitti ambaasaaddarri Ingiliiz to’annoo jala oolfamaniiru.

Iiraanitti hoggantoonni mootummaa xiyyaaraa Yuukreen dhukaasun kuffisuu erga ibsanii booddee mormii ummanni kaaseen walqabatee amabaasaddari Ingiliiz to’annoo jala oolfamun beekame.

Ambaasaaddar Roob Maakeeyri hoggantoota Iiraaniin sa’aatii sadiif qabamee kan ture yoo ta’u, Ingiliiz ambaasaaddarichi to’annoo jala oolun isaa sirrii miti, seera addunyaa kan cabsudha jetteetti.

Ambaasaaddarichi to’annoo jala kan oolfamaan sirna yaadannoo namoota balaa xiyyara Yuukreeniin du’an qophaa’errattidha.

Ambaasaaddar Roob Maakeeyri sirnicha erga hirmaatanii booda gara imbaasii Ingiliizitti erga deebi’anii poolisiin to’ataman.

Raayyaan Ittisa Biayyaa Iiraan ibsa baasenis qaamoleen dogoggoraan xiyyaaricha rukutanii kuffisan kan itti gaafataman ta’uu ibseera.

Dogoggora uummameef dhiifama gaafatee, kana booda of eeggannaan kan taasifamu ta’uu beeksiseera.

Preezdaantiin Iiraan Haasan Roohaaniin karaa Twiitara isaanitiin akka beeksisanitti, dogoggorichi dogoggora dhiifama hin qabnedha jedhaniiru.

Muummee ministiraa Kaanaadaa Justiin Truudoon kaleessa akka beeksisanitti, xiyyaarichi rukutamee kufuu ragaan na ga’eera jedhaniit turan.

Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traampis xiyyaarichi rukutamee kufuu akka hin oolle ibsaa turaniiru.

Ragaalee nageenyaa waabeffachuudhan miidiyaalen xiyyaarichi kufuudhan dura miisaa’elli dhukaafamuu gabaasaa turaniiru.

Maddi; BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.