Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa daandii Aspaaltii konkiiriitii Naqamtee-Soogee – Kemaashii-Qoncoof dhagaan bu’uraa kaa’ame

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2013 (FBC)- Jilli preezdantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Shimmallis durfamu ijaarsa daandii Aspaaltii konkiiriitii Naqamtee-Soogee – Kemaashii-Qoncoo kiiloo meetira 160’f dhagaa bu’uraa kaa’aaniiru.

Sirni dhagaa bu’uraa kaa’uu kanarratti preezdaantii Shimallis Abdiisaa dabalatee preezdaantii naannoo Beenishaanguul Gumuuz obbo Ashaadlii Hasanii fi hoggantoonnii hojii mootummaa garagaraa argamaniiru.

Daandichii dheerina kiilo meetira 160 kan qabuu yoo ta’uu, baasii Birrii biiliyoona 4.3 ijaarrama jedhameera.

Ijaarsa daandichaas Dhaabbanni ijaarsa Gamshuu Bayyanaa waggoottan 3’n dhufanitti xumuruuf fudhachuun hojii jalqabeera.

Ijaarsii Daandichaa Naannoo Oromiyaa fi naannoo Beenshaangul Gumuuz wal qunnamsiisuun walitti dhufeenya hawaasaa cimsuun cinatti oomisha toorichaa gara barbaadametti geessuuf akka garagaruu ragan waajjira preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhsa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.