Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa hidha haaromsaarratti qaamni hunduu hirmaachuu qaba- Hoggantoota Paartiilee siyyaasaa

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) – Ijaarsa hidha haaromsaarratti garaagarummaa tokko malee qaamni hundi hirmaachuu akka qaban hoggantoonni Paartiilee siyyaasaa himan.

Hidha haaromsaa ilaalchise ibsa Ameerikaan laatterratti tarkaanfilee fudhatmuu qaburratti hoggantoonni paartiilee siyyaasaa Faanaa Broodkaastiing Koorporeeti waliin turtii taasisaaniiru.

Hidhaan haaromsaa ibsituu birmadummaa biyyaattii waan ta’eef ijaarsa isarratti lammiileen hundi hirmaannaa taasisuu akka qaban ibsaniiru.

Ityoophiyaan dursuma gara marii sadee seenuu hin qabdu ture, ammas ejjennoon isheen qabattee gaarii ta’uu dura taa’aan Kongiransii Federaalaawaa Oromoo Proofeesar Mararaa Guddinaa dubbataniiru.

Gochaan Ameerikaan Gibtsi waliin gochaa jirtu faayidaa fi birmadummaa Ityoophiyaa kan miidhu ta’uu ibsaniiru.

Proofeesar Mararaan ejjeennoon hoggantoonni marii kanarratti hirmaatan agarsiisan jaalala biyyaaf qaban kan muul’isuudha jedhan.

Ijaarsa hidhichaa galmaan ga’uuf qaamni hundi irree tokkoo hiriiruu qabu kan jedhan Proofeesar Mararaan, haala biyyoota Gibtsi cinaa hiriiranii xinxaaluunis murteessadha jedhan.

Yeroo kamiiyyuu faayidaa fi birmadummaa biyyaa dursuun barbaachisaadha ta’uu dura taa’aan Paartii Demookiraatawaa Tigraay Dooktar Aragaawii Barihee himuun, yeroo itti aanuu mootummaa fi ummatarraa waan eeggamurratti mari’chuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

Paartiileen siyyaasaas gama isaaniin faayidaa fi birmadummaa biyyaarratti waliin dhaabbachuu qabu jedhan.

Hoggantoonni kunneen seenaa waloo kan ta’e ijaarsa hidha haaromsaa xumuruuf qaamni hundi garaagarummaa tokko malee waliin dhaabbachuu akka qaban wamicha godhaniiru.
Balaay Tasfaayeetu gabaase.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.