Fana: At a Speed of Life!

Ijaarsa Proojaktii Hidha Haaroomsaa xumuruuf qaamni hundi tokkummaan dhaabbachuu qaba – Dhaabbilee Amantaa

Finfinnee, 19, 2012 (FBC) – Ummanni Ityoophiyaa hundi ijaarsa Hidha Haaroomsaa xumursisuuf tokkummaan dhaabbachuu akka qaban Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa gaafate.
 
Eegdonnii olaanoonii fi miseensonni dhaabbilee amantaa Ityoophiyaa haala ijaarsa Hidha Haaroomsaa ilaalchisee ibsa laataniiru.
 
Ummanni Ityoophiyaa, sanyiin, amantaan, sabaa fi siyyaasaan osoo wali hin qoodiin irree tokkoon ijaarsa Hidha Haaroomsaa xumursiisuuf hojjechuu akka qaban gaafatnaiiru.
 
Mootummaan marii sadee taasifamu faayidaa biyyaalessaa karaa eeguun xumuruuf hojjechuu qaba jedhan.
 
Hidhaan Haaroomsaa lammiilee Ityoophiyaa hundaaf abdii guddaa ta’uu hubachuun mootummaan marii taasisuu cimsee itti fufuu qaba jedhaniiru.
 
Maddi:-TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.