Fana: At a Speed of Life!

Ijoolleen Abbayyaa Hundi Baga gammaddan – MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 6, 2014 (FBC) – Guutinsa Bishaan HGHI marsaa 3ffaa yeroo jedhame keessatti xumuruu keenyaan ijoolleen abbayyaa hundi baga gammaddan jedhan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.
Faayidaa malu yaa argannu wayita jennu akkuma Ityoophiyaa biyyoonni akka Sudaanii fi Ijipti lagicharraa qooda isaanii akka argatan yaaduu dabalata.
Dhugaa qabannee kaanee, haqa keenyaan ijaarree, haaluma waadaa keenyaan qaama kamiiyyuu osoo hin miidhin guutinsa Bishaan Hidha Guddicha Haaromsa Ityoophiyaa marsaa 3ffaa milkiin xumuruu keenyaaf ijoolleen Abbayyaa baga gammaddan jedhan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.