Fana: At a Speed of Life!

Imaammata Afaanii gara afaan Oromootti hiikameerratti mar’atame

Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Imaammata Afaanii gara afaan Oromootti hiikameerratti mar’atamuu ibsameera.
Mootummaan afaan Amaaraatiin cinaatti afaanoonni biyyaatti shan dabalataan afaan hojii mootummaa akka ta’uuf mana maree federeshiintiif dhiyyeesse raggaasisuun ni yaadatama.
Bu’uruma kanaan Imaammata afaanii afaan Ingiliziin qophaa’ee kana dura gara afaan Amaaraatti hiikamee hojiira oola jiru gara afaan Oromootti hiikuun barbaachisaa waan ta’eef Inistitiyuutiin qo’annoo fi qoraannoo Biiroo Aadaa fi Turiziimii Oromiyaa waliin ta’uun hojii hiika imaammatichaarratti hayyoota hirmaachisuun mari’ateera.
Imaammata dhiyaate kana gara afaan Oromootti hiikurratti hirmannaan hayyoota daraan murteessaa ta’uu itti aanaan Hogganaan Biiroo aadaa fi Turiziimii Oromiyaa Birhaanuu Buxee himaniru.
Marii kanarratti hayyoonni Afaanii Yuunvarsiitiwwan garaagaraarraa walitti dhufan hirmaataniiru.
Dajanuu Gonfaatu gabaase.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.