Fana: At a Speed of Life!

Indaastirii oomishaa deeggaruun galii daldala alaa guddisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Eebila 22, 2012 (FBC) – Rakkoo indaastirii oomishaa adda baasuun hordofuu fi deeggaruun galii daldala alaa guddisuuf hojjetamaa jira.
 
Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allabal hoggansa naannolee, bulchiinsota magaalaa fi dhaabbilee waamamoo waliin dhimmicharratti mari’achaa jira.
 
Marichaan raawwiin bara baajataa 2012 kan baatii 9 gamaaggamamaa jira.
 
Rakkoolee indaastirii oomishaa adda baasuu fi hordofuun galiin daldala alaarraa argamu akka dabalu hojjetama ajiras jedhan obbo Malaakuun.
 
Abbootii qabeenyaa biyya keessaa jajjabeessuun damicharratti akka bobba’an hojiin hojjetamaa jirus jajjabeessadha jedhan.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.