Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon Adwaa bu’aa waloo ummataati – hayyoota

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC) – Injifannoon Adwaa bu’aa waloo ummataa ta’uun isaa, rakkoolee amma biyyattiitti muul’ataniif akka fakkeenyaatti dhiyaachuu qaba jedhan hayyoonni.

Hayyoonni Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin turmaata taasisan akka beeksisanitti, tumsaa fi gamtoominni yeroo injifannoo Adwaa, rakkoo amma muul’atuuf akka fakkeenyaatti dhiyaachuu danda’a.

Injifannoo waloo sanaanis ummanni boonuu qaba jedhaniiru.

Yuunvarsiitii Finfinneetti hayyuun seenaa Dooktar Alamsaggad Baldaadoos, injifannoon Adwaa bu’aa qabsoo walooti jedhu.

Ummanni daangadhaa amma daangaatti socho’ee waliin dhaabbachuun diina injifachuu danda’uun, ammas waliigaltee biyyoolessaa uumuun akka danda’amu fakkeenya jedhaniiru.

Yuunvarsiitii Jimmaatti hayyuun seenaa Dooktar Kataboo Abdiyoon Adwaan seenaa fi injifannoo waloo ummataa ta’uun hubatamuu qaba jedhu.

Yuunvarsiitii Walaayittaa Sooddootti hayyuun saayinsii hawaasummaa obbo Nigaatuu Abbabaan ammoo Ityoophiyaan seenaa waloorratti hundaa’uun waliigaltee biyyoolessaa uumuuf hojjechuu qabdi jedhaniiru.

Haaylayyasuus Makoonnantu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.