Fana: At a Speed of Life!

Injifannoon Adwaa injifannoo Ityoophiyaanoonni tokkummaan Ityoophiyaa itti kabachiisaniidha – Preezdaant Saahilawarqi

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2013 (FBC) – Injifannoon Adwaa injifannoo Ityoophiyaanoonni tokkummaan Ityoophiyaa itti kabachiisan ta’uu Preezdaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen ibsan.
Injifannoon Adwaa garbummaa moo’achuu ol jedhan Preezdaant Saahilawarqi Zawdeen.
Injifannoon Adwaa Aasxaa wareegama ummattoota Ityoophiyaati jedhaniiru.
Injifannoon Adwaa injifannoo Ityoophiyaanoonni tokkummaan Ityoophiyaa itti kabachiisanii fi waa hundi biyyaa gadi ta’uu itti muul’isan ta’uu dubbataniiru.
Yeroo ammaa tokko tokkoof utubaa ta’uu qaba jedha.
Injifannoon Adwaa mallattoo gootummaa ta’uu itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanachi Abeebee ibsaniiru.
Dhaloonni har’aa abbootii duriirraa ciminaa fi obsa dhaaluun tokkummaa keessoo cimsachuun jibba moo’achuun biyya waloo ijaaruu qabu jedhan.
Dhaloonni ammaa hiyyummaa moo’achuun seenaa galmeessuu akka qaban dhaamaniiru.
Gootoonni durii murannoon qabsaa’uun injifannoo dhaloota har’aa dhaalchisuu Preezdaantiin gootoota durii Lij Daani’eel Jootee ibsaniiru.
Dhaloonni ammaa garaagartee cinaatti dhiisuun biyya waliin ijaaruu qabu jedhan.
Injifannoon Adwaa injiffannoo Ityoophiyaa qofa osoo hin taane injifannoo ummata gurraachha hundaa ta’uu
Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiruut Kaasaw eeraniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.