Fana: At a Speed of Life!

Injiiner Taakkalaa Uumaan barattoota Kompiiyuutara badhaasan

Finfinnee, Muddee 23, 2012 (FBC) – Injiiner Taakkalaa Uumaan ayyaana Qillee sababeeffachuun barattoota Kompiiyuuta Taabileettii badhaasaniiru.

Itti aanaa kaantibaan magaalaa Finfinnee Injiinera Taakkaalaan ayyaana qillee sababeeffachuun guyyaa har’aa Mana Barumsa Bultii Dubartootaa Iteegee Xaayituutti argamuun badhaasa kana laataniiru.

Kompiiyuutaroonni kunneen abbootii qabeenyaa magaala Finfinnee irraa kennaan kan argamaniidha.

Manni barumsaa bultii kun yeroo dhiyoo keessa hojii kan eegale yoo ta’u, barattoota qabxii olaanaa galmeessan 400 barsiisuu irratti argama.

Kennaan Kompiiyuutara Taabileetti kun barattoota hundaaf laatamu isaa ragaan Waajjira Kaantibaa Magaalichaarraa argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.