Fana: At a Speed of Life!

Injinar Taakkalaa Uumaan oomishtoota Warqee naannoo Beenichaangul waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015(FBC)- Ministirri Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaafi Pireezidaantiin naannoo Beenishaangul Gumuz obbo Ashaadilii Hasan oomishtoota Warqee naannichaa  waliin mari’atan.

Marichaan, rakkoolee damicgharratti mul’atan irratti kallattiiwwan furmaataa waloo ni kaa’amu jedhamee kan eegamu ta’uu ibsameera.

Warqeen gara baankii biyyaalessaa kan hin seenne waan hin oomishamneef osoo hin taane karaa seeraan alaa biyyaa bahaa waan jiruufi shirri cimaan irratti hojjetamaa waan jiruuf ta’uu Injinar Taakkalaan ibsaniiru.

Tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuun biyyi waan argachuu qabdu akka argattu taasisuun dirqama ta’uu kaasaniiru.

Obbo Ashaadilii Hasan gamasaaniin, bara 2014tti warqeen kuntaalli 23 baankii biyyaalessaaf galuu ibsuun, baatiiwwan xumura waggaa Adoolessaafi Hagayyatti hanqinni oomishaa mul’achuu eeraniiru.

Baatiiwwan lameenitti warqee kiiloogiraama 217 baankii biyyaalessaatti galchuuf karoorfatamee 110 qofa milkeessuu ibsaniiru.

Kan bara 2013 wal bira qabamee yeroo madaalamu kiiloogiraam 200 ol hir’isuu ibsaniiru.

Waltajjicharratti Ministira Ministeera Albuudaa Injinar Taakkalaa Uumaafi Pireezidaantii naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan dabalatee anga’oonni olaanoon mootummaa federaalaafi naannichaa akkasumas oomishtoonni warqee hirmaachuu eerameera.

Mattaagas Ayyallinyitu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.